"OOFUU" Farfataa Dastaa Hinsarmuu

Поделиться
HTML-код
  • Опубликовано: 19 окт 2024
  • Ayyaanni Waaqayyoo naaf baay’atee faarfannaa hedduu barreesseera faarfadheeras. Waanan hamma har’aatti faarfadhe hunda isaa iyyuu kan gabatee sammuu kootti naaf naqe, kan afaan koo irra naaf tuule, fi kan qooqa fi sagalee ani ittiin isa faarfadhu naaf kenne Waaqayyo waan ta’eef kanan ittiin of jaju miti. Hundi isaa iyyuu maddi (source) isaa tokkicha waan ta’eef ulfinni Waaqayyoo ittiin mul’ateera jedheen amana. Hunda caalaa garuu faarfannaa ani dhaggeeffadhee hin quufne kan yeroo hundumaa guddummaa Waaqayyoo fi hojii isaa isa dinqisiisaa na yaadachiisu faarfannaa “OOFUU” jedhu dha. Walaloon ykn lyrics faarfannaa kanaa akka armaan gadii ti.
    Hundumtuu utuu hin turiin kan turte qofaa kee
    Eenyu inni afaan guutee xiqqeessu maqaa kee
    Ilma namaa yartuu beekumsi muraasaa
    Qalbiitu raatessee itti buusa haasaa
    Mixiin Leenca wajjin wal’aansoo dhaqaa ree?
    Supheen suphee dhooftuu gaaffii gaafataaree?
    Dinqisiifatamuu qabda yaa uumaa koo x3
    Wanta boca hin qqbne addunyaa dukkana
    Bareechitee uumte kunoo akka kana
    Samii hagana ga’u akka Dibaabee tti
    Dhistee nurra keesse jechaan utubdee ti
    Lafa hammana ga’u waan safara hin qabne
    Waan hundumaan guutte homaa itti hin waakkanne
    Dinqisiifatamuu qabda yaa uumaa koo x3
    Oofuu oofuyee uumaa koo siif oofuu
    Safuu safuu kee uuma koo siif safuu
    Ol jennee gubbana yoo abuurre Hawwaa
    Hundumaan guutuu dha maaltu itti qaawwa
    Bantii waaqaa keessa biyya mootummaa kee
    Maccatu quufee bula ilaalee surraa kee
    Ergamoota danuu kumaaf kitilaani
    Warra ati isaan guutte humnaaf Ibiddaani
    Isa durumaa ture isa jiruuf jiraatu
    Jedhanii huursanii maqaa kee faarfatu
    Ifoota gararraa situ taa’ee ifa
    Macci kun hundumtuu si ilaalee quufa
    Dinqisiifatamuu qabda yaa uumaa koo x3
    Waggoota biliyoonaaf Biiftuun ifaa jirtu
    Hurjiin Samii keessa faca’ee mul’atu
    Ji’I halkan waarii ifa laachuuf baatu
    Nuuf hin galle malee dinqii kee dubbatu
    Allaattiin waaqa irraa Bineeldonni manaa
    Munyuuqaan Lafa irraa Qurxummiin Galaanaa
    Kaan riphee qaxxisee kaan garaan foqoqee
    Kaan ol jedhee adeemee kaan suutumaan siqee
    Oogummaa kee labsa dinqii uumuu keetii
    Maaltu keessaa qaba kun hunduu kan kee ti
    Dinqisiifatamuu qabda yaa uumaa koo x3
    Oogummaan kee danuu beekumsi kee adda
    Wanta odeeffamee hin of biraa qabda
    Addaam lafa hin jirree wanta hin jirre irraa
    Bareecchitee uumte Biyyoo gatamaa irraa
    Hewaanis kunoo ti Lafeen Foon uffatte
    Safuu dha jiruu keef qalbii koo fudhatte
    Dinqisiifatamuu qabda yaa uumaa koo x3
    Galaana mul’ifte waan biraa irraa kaaftee
    Tulluu Lafa keessaa dhiittee achii ol baafte
    Addanni Gammoojjii kun Tulluu Bosonaa
    Kun Lafa misoomaa kunimmoo Lafa onaa
    Suni fiixee gaaraa sun suluula dhooqa
    Oggum oogummaan kee qalbii nama hanqooqa
    Dinqisiifatamuu qabda yaa uumaa koo x3
    Qajeelfama dhoksaa gorsa kee addaani
    Kunoo toora galee adeema Goondaani
    Ganna teessee nyaatti waan Bona ol keesse
    Ati goonan malee Mixii maaltu gorsee?
    Dinqisiifatamuu qabda yaa uumaa koo x3
    Uumamni sirnaa’uun qajeelfama kee ti
    Hundumtuu irraaf jalaan caasaa qooddatee ti
    Isa kaaniif gooftaa isa kaaniif giiftii
    Hawwaanisaaf gurmuu Kanniisaafis mootii
    Jaldeessaafis kootaa Qamaleef Kootama
    Seera kee kabajuun waliif abboomama
    Dinqisiifatamuu qabda yaa uumaa koo x3
    Biqilaa Lafa irraa muka babbaa’eessa
    Kaan keessa jiraata kaan balaa itti dheessa
    Odaa fi Waleensuu Ejersaaf Birbirsa
    Sagalee itti ergitee yaafte Lafa keessaa
    Dinqisiifatamuu qabda yaa uumaa koo x3
    Jireenyi kennaa dha carraan siin qoodame
    Namni ofii of nyaata yaada isaan goolamee
    Joobirri fagaatee samii irra akka kaatu
    Handaaqqoonis asii akka kosii haatu
    Leenci daggala irraa akka foon folloksu
    Hadurreenis manaa akka suuqa teessu
    Gafarsi handaraqee burraaqee akka bulu
    Qotiyyoonis wanjoo akka baachaa oolu
    Harreen diidaa nyaatee dhugee da’oo ciisa
    Harree manaa xeebatu dugda ishee luqqisa
    Wangoon Hoolaa nyaatee dabalataaf dutu
    Sareen mana keessaa kajeellattee bultu
    Hundumtuu iddoo isaatti gammadee jiraata
    Qooqa garaagaraan ulfina siif laata
    Dinqisiifatamuu qabda yaa uumaa koo x3
    © Dastaa Hinsarmuu Official.
    ‪@dastaahinsarmuu5175‬ #dastaa-Hinsarmu #oromoo-music #subscribe

Комментарии • 111

  • @Bikilakebedeofficial
    @Bikilakebedeofficial 2 года назад +14

    Ifoota gararraa situu taa’ee Ifa. Ameen!

    • @farfatuubirqiimargaa8468
      @farfatuubirqiimargaa8468 2 года назад

      Nagaan waqqayoo siif yaa ta,uu Bikila kotuu jalalaa waqqayoon matii koo naf ta'ii

    • @ayeetuushow
      @ayeetuushow 2 года назад

      Uuuuuuffff ameen Ameen ebifaamaa waqaayo tii gudisee isinaa ebisuu

  • @WorkneshDame
    @WorkneshDame 14 дней назад

    Amma iyyuu ayyaanni Waaqayyoo sirritti haa dabalu

  • @abarish1249
    @abarish1249 2 года назад +1

    Hunudumtu utu in turin kan turte kobakee 💯💯💯💯💯❤❤❤❤❤❤

  • @SegniTafese
    @SegniTafese 3 месяца назад +2

    Ameen Waaqayyo guddaa si haa ebisuu ❤❤❤❤❤❤

  • @Bikilakebedeofficial
    @Bikilakebedeofficial 2 года назад +11

    You are Legendary Singer.

  • @MisganuBabuMulata-cz4eu
    @MisganuBabuMulata-cz4eu 4 месяца назад +1

    safuudha!!waaqayyo isa waan hundumaan si badhaasee ulfina isaa akka himtuuf carraa siif kenneef galatni haa ta'u.
    dastiyyee

  • @iyesusabdiijiraatadhaa1384
    @iyesusabdiijiraatadhaa1384 Год назад +2

    Dasoo bara kana maalif farsa basu dhistee ? Yoo bastemo isa akka bara kana hin basin akuma duri keti hojedhu adara ❤❤ farsa keefi kan adisu wayimatu akkan goofta iyesusin jalaadhu akkan fayyis lubbukoo gudhadhu na godhe bara xinuma ko 😭❤
    Ani yeroo sana xiqqoodha muriinko wagga 10 hin caluu garuu ortodoksi ta'ee farsa kee yeroon dhageefadhu nan bo'a malif akkan bo'u hin beekkuu turee oso hin turee waldaa dhaqen amane
    Durani immoo benxe hin jalladhu turee !!
    Ajaa'ibbaa ❤❤❤❤

  • @johnytechh5035
    @johnytechh5035 2 года назад +1

    Ameeeeeen Ameeeeeen Ameeeeeen Ebifamii ebifamii dachaa dachaa maqa gooftaa yesusni Ebifamaa

  • @solomontashoma
    @solomontashoma Год назад +2

    Dhugaa Dubbachuuf Atillee Dinqisiifatamuu Qabda. Hojii kana Akkanaan itti yaaddee hojjechuu keef!

  • @AlemTolesa
    @AlemTolesa 2 месяца назад +1

    Amen Amen Amen Amen Amen Amen Amen Amen Amen Amen Amen Amen Amen Amen Amen Amen Amen Amen ebbifamii dachaa

  • @Oromiburte-k6l
    @Oromiburte-k6l 23 дня назад

    Waqako nufana ha jiratu. Haaa❤

  • @JiregnaGutema
    @JiregnaGutema 8 месяцев назад

    Dhugumaan waaqayyoo beekadha Nama guddaa keenya nuuf Eebbifamaa!

  • @shewetesheti1506
    @shewetesheti1506 Год назад

    Àmeen Ameen Haalelluyyaa maaqan waaqaayyoon Kenya ulfina haa rgatu waaqqayyoonkoo bara baraan siihaaebbisu muca waaqaayyoo eebbifami kaanuman caalattiyyu ayyani waaqaayyoo siif haadabalamu ❤️❤️❤️❤️👏👏👏👏👏✊🙏✊✊❤️ 💕💖💓💓💝💖🤩😍🤩

  • @MeselechAbera-x9g
    @MeselechAbera-x9g 24 дня назад

    Aboo waaqayyon DACHAA si haeebbisu❤

  • @ObseLechisa-sg3eb
    @ObseLechisa-sg3eb 29 дней назад

    ❤❤❤❤❤❤❤. Jirenyii kennadhaa !

  • @Eliyaas726
    @Eliyaas726 9 месяцев назад +1

    Baaaay'ee Raajidha. Safuu|*5 waaqayyoo!! Sammuu kana sibadhaasef, daqiiqaa 9 qofa keessattii Guutuu Addunyaa umuu waaqayyoo lallabuu.

  • @hawii1034
    @hawii1034 2 года назад

    Ameeeeeen uuuuffffuuuufffeeeyy ebbifami daacha dacha haammas farfanna akka nu farfattu barbanna wantta aduu gaajjalla ilalu dhiisi

  • @amanuel_bekele
    @amanuel_bekele 8 месяцев назад

    Dhuguma dhageeffatamee hin quufamu, God bless you!! dhugaa dubbachuuf faarfannoonni kee jireenya hafuuraa koo irratti dhiibbaa guddaa uumeera. Nuuf jiraadhu!!

  • @sirikachali4164
    @sirikachali4164 2 года назад +1

    Eebbifami namako!!!

  • @aleemkw4145
    @aleemkw4145 2 года назад

    Amee Amee Amee heleuyuu heleuyuu uuuuuuuuuuu ffffffffff Amee Amee eebbifam eebbifam 🍇🍇🍇🎹🎹🎹🥁🥁🥁🎷🎷🎺🎺🙏🙏🙏🙏

  • @Oromiburte-k6l
    @Oromiburte-k6l 23 дня назад

    Huda kesani wolini waqaoyo ya jjjjiii❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤

  • @lomitolasa6874
    @lomitolasa6874 Год назад

    Ameeeen Ameeeen Ameeeen dasitaa koo farfanaa kee baay,een jaladhaa

  • @horabulaa5996
    @horabulaa5996 2 года назад +1

    Ameen Ameen Ameen waqaayyo Baraa kee haa Eebbisu Eebifaami ♥️❤️❤️❤️💚💚💚💚💚♥️🙏🏽🙏🏽🙏🏽🙏🏽🙏🏽❤️❤️💚💚💚💚Waqaa humaa keenya galaata kee siin, humamnee

    • @farfatuubirqiimargaa8468
      @farfatuubirqiimargaa8468 2 года назад

      Nagaan waqqayoo siif yaa ta,uu Hora bula kotuu jalalaa waqqayoon matii koo naf ta'ii

  • @hirutloveas3773
    @hirutloveas3773 2 года назад

    Ameen ameen amale ayana isa sifaa dabalu

  • @SenaTesfaye-e9c
    @SenaTesfaye-e9c 6 месяцев назад

    Ummanni kan sin dursin Waaqayyo innii du'u rsiitaa

  • @adanuugalataaadanuugalataa6655

    Ufeeeee waqaaa dinqqii ❤️❤️❤️❤️❤️🥰🥰🥰🥰🥰🥰🙌

  • @belachewbulto2229
    @belachewbulto2229 2 года назад

    wow ana baayyee dhuma na dhibaam jechoonnii ati filattee kun gargaarsaa waaqayyoo akka ta,ee hubadheera bara fuula kee durattii hafees seena bareedadhan akkaa xumurtuu waaqayyoo si haa gargaaruu faarfataan baayyee jalladhuu fii kabajuudha ati WAANAN JECHUUF JEDHUU KANARRATTII GARUU NAA OOFKALCHII innis immoo dhimmaa siyaasa keessaa galuun kun akkamiin siif galee hawwasattii darbee darbee gaaffii uumaa jiraa yoo danda,amee keessaan naaf ibsuu yaali faar dastaan siyaasa keessaa galee jedhuu darbee darbee kun si biratti akkamii ALBUNNII BIYYII KEENYAA QABDUU KEESSAA TOKKOO SIDHA SABABIINSAYYUU DHALOOTA BAAYYEETUU FAKKEENYA SI GODHATEE JIRA kanaaf waan xiqqoo mullattu kana akkamiin hawwaasa keenyaa hubachiisuu dandeessa

  • @jesusislord8313
    @jesusislord8313 Год назад

    Farfachuun kee ittumaa haa fuufu sanyii koo ❤

  • @orotube44
    @orotube44 2 года назад +1

    Ameeen Ameeen Ameeen Eebbifama dachani heddu namati tolaa Ergaa barumsa addaa ofi keessa qaba 🥰🥰🥰🙏🙏

    • @farfatuubirqiimargaa8468
      @farfatuubirqiimargaa8468 2 года назад +1

      Nagaan waqqayoo siif yaa ta,uu ORoTuBE kotuu jalalaa waqqayoon matii koo naf ta'ii

  • @digedubai2213
    @digedubai2213 2 года назад

    Ameeeen ameeeen ameeeen ameeeen Waqqayyoo siihaa ebbisuu ebbifamii ❤❤❤❤❤❤❤❤🙏🙏🙏🙏🙏

  • @RetaSori
    @RetaSori 4 месяца назад

    God bless you ! nothing has touched my life like your song I love you so much. may evil not see you and may god stand by you!.😍😍😍😍😍😍😍😍

  • @temesgenregassa
    @temesgenregassa 2 года назад

    Eebbifami. Faarsaa kana yeroo dheeraaf barbaadee barbaadee...dhabeen ture.

  • @MartisinLalisaa
    @MartisinLalisaa Год назад

    Amezing protestant songs of Desta insermu i will long life for him

  • @telilagutema6102
    @telilagutema6102 Год назад

    “Qalbiitu raatesssee itti buusa haasaa!”
    #Oofuu!!!
    Eebbifami haadhooko. Faarsaan yeroo hundumaa guutamaa dhaggeeffadhudha!!! Waaqayyo guddaa dha!

  • @Alima-ec6nb
    @Alima-ec6nb 3 месяца назад

    Ameeeeeeeen.safuuu.hojii.goftaaf.ogeessaadha.atti

  • @merrymerry1232
    @merrymerry1232 2 года назад

    Dhugaa waqaa bayee isin jaladhaa matii waqayyoo nuf jiradhaa❤❤❤

    • @BOONEESHOW
      @BOONEESHOW 2 года назад

      Merry subcrbe nafi xuqi

  • @fantudessalgne950
    @fantudessalgne950 2 года назад

    Dinqisiifatamuun kan ta'uu qabu kiristoos iyeesuus waaqayyoon waan ta'eef gooftaan galata keenyaa haa simaatuu ameen

    • @farfatuubirqiimargaa8468
      @farfatuubirqiimargaa8468 2 года назад

      Nagaan waqqayoo siif yaa ta,uu Fantu kotuu jalalaa waqqayoon matii koo naf ta'ii

  • @yesuusgargaaraakooyeroohun7641
    @yesuusgargaaraakooyeroohun7641 2 года назад +1

    AMEEEEEEN AMEEEEEEN AMEEEEEEN AMEEEEEEN AMEEEEEEN EBIFAAMA DACHAA DACHAADHAAN DHUGAADHA WAAQAYYOOF SAFUUDHAA HOJJIIN HARKA ISAA HUNDUU DINNQIIDHAA MAAQAN ISAA HAA HULFAATUU BARUMA BARAAN ☝🙇‍♀️🙇‍♀️🙇‍♀️🙏🙏🙏🙏💔💔💔✅✅✅💯💯💯🥰🥰🥰😍😍😍💝💝💝💖💖💖💓💓💓❤❤

  • @alawalawalaw3943
    @alawalawalaw3943 Год назад

    Dinqisifatamuu qabdaa umaa koo 😢😢😢😢😢😢😢

  • @kiyyaamasfine1192
    @kiyyaamasfine1192 2 года назад +1

    Dinqisifatamuu qabdaa yaa umaa koo

  • @UrjiDeksisa
    @UrjiDeksisa 7 дней назад

    God bless you!

  • @anioromoodha3010
    @anioromoodha3010 2 года назад

    gooftan sammuu namaaf banee yoo nama argisiise akka #Destaa Hinsarmuu kanattti namaaf yaa banu.#brand mind...

  • @AbabachiRabumaa
    @AbabachiRabumaa 2 месяца назад

    Ebifamii ameen ameen ameen 😊

  • @diribebeyene1562
    @diribebeyene1562 Год назад

    Dachaa sii haa eebbisdu gooftaani❤❤

  • @charabiratu8075
    @charabiratu8075 2 года назад

    Woow
    Desta keenya eebbi kee ammayyu haa baay'atu

  • @abebe980
    @abebe980 2 года назад

    Eebbifami dachaa dachaadhaan ammas

  • @LalisaaGudina-ug2og
    @LalisaaGudina-ug2og Год назад

    Waaqayyoo sii eebbisuu

  • @asteer966
    @asteer966 11 месяцев назад

    Wwooooww Ameeeeeeen Ameeeeeeen ebbifamaa ebbifamaa ebbifamaa

  • @galootube8676
    @galootube8676 Месяц назад

    Safuu safuuuu kee Uumaaakoo

  • @yonasshiferaw7033
    @yonasshiferaw7033 11 месяцев назад

    talented worship song writer

  • @FrehiwotShime-jf3pb
    @FrehiwotShime-jf3pb 8 месяцев назад

    Eebbifaama bara baraan
    ❤❤❤❤❤❤ulfaadhu gooftaakoo

  • @waqaayoogaridha4901
    @waqaayoogaridha4901 2 года назад

    Wwwwoowww dastiiyee farfanaa barbdaa turee nu fidee ebifamii jabadhu dhifamaa wajin garuu namaa hamakee dubatuu fedhu ani garuu wayee tik tok iratii namoonii si komataa jiruu yadaakee akka tik tok iraa kastee nuf farfatuu fenaa abaa beko😍😍😍

  • @amentiyonasofficial1892
    @amentiyonasofficial1892 2 года назад +2

    Awesome Gospel Song!🙏

    • @Fikadu-z7q
      @Fikadu-z7q 11 месяцев назад

      ❤❤❤❤❤❤❤❤

  • @naaomiichannel2490
    @naaomiichannel2490 2 года назад

    Eebbifamaa uuffeee

  • @gaanatfyera811
    @gaanatfyera811 2 года назад

    Ameeen Ameeen Eebbifamaa dachan 🙏

  • @EBA-zi2cz
    @EBA-zi2cz 6 месяцев назад

    Eebbifami!

  • @firomsaambaye1989
    @firomsaambaye1989 Год назад

    Glory to our Lord

  • @KebedeDejene-g1n
    @KebedeDejene-g1n 8 месяцев назад

    Waqaayoon si ebbisuu

  • @ruutlelisa3406
    @ruutlelisa3406 2 года назад

    AMEN AMEN 🙏🙏🙏🙏 EEBBIIFFAMMII DACHA ❤️❤️❤️💚💚💚💚

    • @farfatuubirqiimargaa8468
      @farfatuubirqiimargaa8468 2 года назад

      Nagaan waqqayoo siif yaa ta,uu Ruut kotuu jalalaa waqqayoon matii koo naf ta'ii

  • @chimdipairman
    @chimdipairman 7 месяцев назад

    OMG dhugaa jettee

  • @teferaalemayehu9235
    @teferaalemayehu9235 2 года назад

    Faarfannaa bareedaa... yeroo hundaa hin quufamne....Eebbifami

  • @TurkeyAnman
    @TurkeyAnman Год назад

    Ameen eebbifamaa

  • @abechbaba4936
    @abechbaba4936 2 года назад

    Wow Eebbifama 🙏🙏😍😍

  • @waaqqayyoogaariidhaa903
    @waaqqayyoogaariidhaa903 2 года назад

    Ammeee
    Ammeee ebbifamaa ....

  • @farfatuubirqiimargaa8468
    @farfatuubirqiimargaa8468 2 года назад

    Ameen Ameen Ameen

  • @kadosabanti7012
    @kadosabanti7012 5 месяцев назад

    Safuuu Safuu

  • @Eyesonjesus4ever
    @Eyesonjesus4ever 2 года назад

    Wow the talents the grace the anointing is astonishing ❤️🌳❤️🥰🥰🥰

    • @farfatuubirqiimargaa8468
      @farfatuubirqiimargaa8468 2 года назад

      Nagaan waqqayoo siif yaa ta,uu Caali kotuu jalalaa waqqayoon matii koo naf ta'ii

  • @BekamtiBayisa-7790
    @BekamtiBayisa-7790 10 месяцев назад

    Yaa jechoota@!!

  • @miresalikissa7319
    @miresalikissa7319 2 года назад

    God Blesses more!!!!

  • @fasoo3286
    @fasoo3286 2 года назад

    Wowowowo 🎼🎼🎼⛪

  • @dechasashone5579
    @dechasashone5579 2 года назад

    GOD BLESS YOU !

  • @tizitadamissie9226
    @tizitadamissie9226 8 месяцев назад

    Goftaan sii haa ebisu nuuf jiradhu

  • @prophethabtamuadmasu9188
    @prophethabtamuadmasu9188 Год назад

    Amazing spritual song

  • @dabaadisu8234
    @dabaadisu8234 2 года назад

    thank you so much bro

  • @BulchaaKormaa
    @BulchaaKormaa 8 месяцев назад

    Gochaa fii hojaa isaa diqqii

  • @DodoZoubi
    @DodoZoubi 6 месяцев назад

    ❤❤❤❤
    🙏🙏🙏🙏

  • @ModinaModina-v9s
    @ModinaModina-v9s 10 месяцев назад

    Ammeeeeee❤❤❤❤❤❤❤❤❤

  • @TamiruNegera-j2j
    @TamiruNegera-j2j Год назад

    ❤❤❤❤❤❤

  • @Oromiburte-k6l
    @Oromiburte-k6l 23 дня назад

    Www❤
    ❤❤❤❤❤❤❤

  • @fasoo3286
    @fasoo3286 2 года назад

    God is good🙏❤️

  • @AbabachiRabumaa
    @AbabachiRabumaa 2 месяца назад

    🎉❤❤

  • @farfataakuresamiyoofficial4380
    @farfataakuresamiyoofficial4380 2 года назад

    Wwwwwhoooo

  • @YoomifanYoomi
    @YoomifanYoomi 4 месяца назад +1

    Faarfannaankun irraderbiidhaan istidioo gaalee Addunyaa irratti faarfatamuuqaba inumaa Afaanota garaagaraatiin Macca hundumaa gahuu qaba Adaraa yaasabaa

  • @chericheri2773
    @chericheri2773 2 года назад

    amen 🏡🏡🏡🏡

  • @MohamedAlharmoudi
    @MohamedAlharmoudi 3 месяца назад

    Uuuuuuuuuuuuufeeeeeè siyaaebbisuu dachaa❤❤❤❤❤❤❤❤🎉🎉🎉🎉🎉🎉🎉🎉🎉❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤

  • @huwaeihuwaei790
    @huwaeihuwaei790 2 года назад

    🙏🙏🙏❤❤❤

  • @chatlubekele3080
    @chatlubekele3080 2 года назад

    ⛪⛪⛪⛪🙏🙏🙏🙏

  • @Bontu-jj8qr
    @Bontu-jj8qr Месяц назад

    👆👆👆👆🙏🙏🙏🙏

  • @monetmobilecomputer6671
    @monetmobilecomputer6671 2 года назад

    Obboleessakoo Dastaa faarsaa ajaa'ibatii

  • @NETWORKDUFERA
    @NETWORKDUFERA 2 месяца назад

    1FFAADHA 1111111111111111111111111111111111111

  • @ffaa7384
    @ffaa7384 Год назад

    AaammmmmmmeeeeeeennnnnnnAmmmmmeeeeeennnnnnAmmmeeeeeennn❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤

  • @urjitakele8479
    @urjitakele8479 8 месяцев назад

    I have no words to say! 👏🙏🫶🥰🧎🧎🤔🤔

  • @jesusislord8313
    @jesusislord8313 Год назад

    ❤❤❤❤❤❤

  • @MimiMimi-pu3pz
    @MimiMimi-pu3pz Год назад

    ❤❤❤❤🙏🙏🙏🙏

  • @hawwiitugo315
    @hawwiitugo315 Год назад

    ❤❤❤❤