Hariiroo gaa'ela kutaa 1ffaa

Поделиться
HTML-код
  • Опубликовано: 6 фев 2025
  • HARIIROO GAA'ELA DURAA (Premarital Relationship)
    Kutaa 1ffaa
    Aadde Leensaa Guddinaatiin
    Waa'ee gaa'elaa ilaalchisee gaaffiin dargaggoota baay'ee, 'nama kan koo ta'e akkamittan adda baase gaa'elatti gala' kan jedhu dha.
    Gaa'elli maalii? Eenyutu dhaabe, maalif hariiroo [gaa'elaa] akka dhaabe sirritti yaadanii hubachuun barbaachisa dha.
    ⚠️Yoo kana hin taane fedhii Waaqayyo dhiisne fedha mataa keenyaa qofa gara dhaga'uutti deemna. (2Xim.4:3-4)
    Waaqayyo fedhii mataa keenyaatti dabarsee yoo nu kenne immoo baay'ee ulfaataa dha. Kanaaf dargaggoonni "eenyun fuudha/eenyuttin heeruma?" kan jedhu yaaduun dursa, fedha Waaqayyoo waa'ee hariiroo gaa'elaa irratti qabuu fi hariiroo mataa isaanii Waaqayyo wajjin qaban maal akka fakkaatu ilaallachuutu ta'a.
    Namni fayya-buleessi kamuu gaa'ela naga-qabeessa barbaada. Kanaafis yeroo, qabeenya, waan hundumaa isaa...aarsaa (invest) godha. Duudhaa (value) geddaruun yoo barbaachisees kana gochu irraa duubatti hin deebi'u. Mee dursine yaada Waaqayyo gaa'ela irratti qabu haa ilaallu.
    🛑Waa'ee gaa'elaa irratti yaadni Waaqayyoo maali?
    💍 Gaa'elli yaada Waaqayyooti
    💍 Gaa'elli mucaa Waaqayyooti (abbaan gaa'elaa Waaqayyoo dha)
    💍 Gaa'elli abjuu Waaqayyoof dhugoome dha
    💍 Boca (design) gaa'elaa kan hojjete Waaqayyoo dha (Mar. 10:7)
    💍 Waaqayyo gaafa gaa'ela uume bifa eenyummaa isaa (trinity) calaqqisiisuuni dha
    💍 Namni gaaf gidduu seenu, boca (design) isaa kanatti bu'u Waaqayyo ni dheekkama (Mar. 10:9)
    ⚠️Addaamiin alatti uumamni hunduu "ta'aa" jedhamanii uumaman. Addaam (namni) garuu eeggannaa guddaadhaan harka Waaqayyootiin bifa dinqisiisaadhaan uumame. Innoo bifaa fi fakkaattii Waaqayyootiin biyyoo lafaa irraa tolfame (Uma. 1:26). Lubbuu akka qabaatuufis Waaqayyo hafuura jireenya itti godhu itti baafate (Uma. 2:7)
    ⚠️Uumamuu (tuttuuqqaa Waaqayyoo) kana keessa namni (Addaam) hariiroo Waaqayyoon wajjin qaba ture. Jechuun, osoo Hewwaanin hin beekin dura Waaqayyoon beeka.
    ⚠️Addaam qofa miti, Hewwaanis eeggannaa guddaadhaan harka Waaqayyootiin bifa dinqisiisaadhaan lafee cinaachaa Addaam keessaa fuudhame irra tolfamte (Uma. 2:21-22) Isheenis akkasuma uumamuu ishee keessa Waaqayyo wajjin hariiroo qabdi turte. Addaamiin osoo hin beekin dura Waaqayyoon beekti turte.
    ❗️Egaa Addaam fi Hewaan hariiroo walii isaanii waliin qabaachuun dura, dhuunfaa dhuunfaa isaaniitti Waaqayyo wajjin hariiroo qabu turan jechuu dha.
    ☝️Kuni hariiroo gaa'elaa dura hariiroon Waaqayyo wajjin qabnu murteessaa ta'uu isaa argisiisa.
    ❤️ Jaalalli jalqaba Waaqayyo wajjin shaakalamuu danda'uu qaba.
    🫵Kanaaf waan hundumaa dursa ulaagaan jalqabaa turtii fi hariiroo namni gooftaa isaa wajjin qabu ta'uu qaba. Namni kun hammam na jaallata utuu hin jedhin dura hammam gooftaa jaallata isa jedhu gaafachun ba'eessa taha.
    🛑Ga'ee Waaqayyoo gaa'ela keessatti
    👉 Waaqayyo abbaa gaa'elaati erga jennee, ga'een akka abbaatti dalage isaan armaan gadiiti:
    🔹Dhiyeessuu (providing)
    Uma. 1:29
    🔹Qajeelfama laachuu/barsiisuu (Giving guideline)
    Uma. 2:16
    🔹Eeggachiisuu(Warning) Uma. 2:17
    🔹Karoora baasuu(Planning) Uma. 2:18
    👉 Karoora baasanii hojjechuun amala Waaqayyooti. Eegaan namnis amala kana Waaqayyo irra barachu qaba.
    Walumaagalatti, namni hariiroo gaa'elaa uummachuun dura, hariiroo Waaqayyo wajjin qabu jabeeffachuu qaba. Amala Waaqayyo irra baratee nama hojii tahuutu irra jiraata.
    Maqaan Waaqayyo bara baraan haa eebbifamu! Ameen🙏🏻

Комментарии • 28

  • @user-Abdikefi
    @user-Abdikefi 2 месяца назад +1

    Ebbiifamii sanyii yesuus jaabadhuu waaqayyoo SI wajjiin jiraa.

  • @wanofi85
    @wanofi85 25 дней назад

    Daa'imummaa koorraa kaasee dhaga'ee hin beeku barsiisa akka akkanaa. Kuni gooftaan biraa malee fooniin hin danda'amu.Barsiifni addee Leensaa suuta jedhee gara keessan seena. Ani garuu baay'een irra fayye,keessattuu karaa baruumsa gaa'ilaatiin. Waaqayyoo gooftaan maccaa umurii harraageessaa isaaniif haa kennu.

  • @martaadabare
    @martaadabare 6 месяцев назад +1

    Barumsii kessan garii ta'ee akkaa namaa bakaa bashanana demuttii akkas batanii😭😭😭😭😭 malif macafaa in dubistaan moo dubarttin tokko gafaa kadhanaf batutii mataa ishee iyyu mulachuu in qabuu malii barii kenyaa😭😭😭😭😭

  • @RobeeBekela
    @RobeeBekela 7 месяцев назад +1

    Waqayoo siini haa ebbisuu ebbifamaa kabajamoo kenyaa. Adde lenesaa goftaani saa ebbisuu ebbifamii bayee. Namatii tola barumsi keesanii maloo❤❤❤

  • @RebiraHunduma-mt2hr
    @RebiraHunduma-mt2hr 5 дней назад

    M. Keessa deebii 22:5 'n immoo
    Keessa kunnee baafnarree ijoollee
    Safuudhaa😢😢😢😢

  • @AdisuTashoma
    @AdisuTashoma Месяц назад +1

    🤲🤲🤲🤲

  • @BILSEEKIFNEE
    @BILSEEKIFNEE 5 месяцев назад +1

    ❤❤❤❤❤❤❤❤🎉🎉🎉🎉🎉🎉 Amen Amen Amen Amen Amen Amen Amen Amen 🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏

  • @YeshiDaro
    @YeshiDaro 4 месяца назад

    Ameeeeeeen waqayyo akka sagale isati gaa,ila ebbifama nuf yaa kenu ❤❤❤❤

  • @nounasoresa3133
    @nounasoresa3133 8 месяцев назад

    Anii barumsaa kessa irraa Wan bayyeen baradhee Waqayyoo baraf jirenya kessan haa ebisuu Ebbifamaa dachaa❤

  • @SanyiiNaggasaa
    @SanyiiNaggasaa 5 месяцев назад

    Surree qaaradhan wangeela!!!!!!!!

  • @AdugnaGudina-xv9ze
    @AdugnaGudina-xv9ze 8 месяцев назад

    surrichi garuu maali gurdiii yootahehoo namni maal sirra barata

  • @almewako4896
    @almewako4896 10 месяцев назад

    Wowo waaqayyoo jireenyaa keessan dacha yaa eebbisuu barumsaa baayyee kan namatti toluudhaa

  • @GabayoGize
    @GabayoGize 3 месяца назад

    Dubartiin uffata dhiiraa hin uffatin kan jedhuu hin dubiffannee
    Surree hidhatee barsiiftaa😢

    • @user-Abdikefi
      @user-Abdikefi 2 месяца назад +1

      Innii isheen uffaate kan dubbatiif qopha'ee malee kan dhiiraa miti.

  • @BadjiDalati
    @BadjiDalati 4 месяца назад

    Wowo ebbifaama nama waaqayo 🎉🎉🎉🎉

  • @faarffannaaafaanoromoo908
    @faarffannaaafaanoromoo908 Год назад

    Harmee bareeddu dhugaadha eebbifami 🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰

  • @jennyjenny8378
    @jennyjenny8378 7 месяцев назад

    Dhugaa dubachuu yeroo bayee gorsaa keef dubii arabaa keraa ba'uun bayeen ebifamaa garuu suree ufatani idoo arsaa dhabachuun gonkumaa Nan gamachisuu 😢😢

  • @BurteNegewo
    @BurteNegewo 8 месяцев назад

    Bayye namatii tola dhuga waaqayyo bara kessan ya ebbisu

  • @TamamTamam-i1i
    @TamamTamam-i1i 9 месяцев назад

    Ameeeeeeen Ameeeeeeen ❤❤🎉🎉

  • @dhababadhasa6957
    @dhababadhasa6957 11 месяцев назад +1

    Qaxalee yesuus akkas dubbadhu dargagoo yesuusf oolchi j

  • @singermesiiAnbesa
    @singermesiiAnbesa 7 месяцев назад

    Malodha sureni , ebbifama

  • @AbdiAlemuuGondol
    @AbdiAlemuuGondol 7 месяцев назад

    ❤❤❤

  • @bontubedhamhdamafarfannaaf5593
    @bontubedhamhdamafarfannaaf5593 8 месяцев назад

    Ebbifama

  • @yadasafiqadu
    @yadasafiqadu Год назад

    keep to up

  • @TolaTesfaye-u6u
    @TolaTesfaye-u6u 11 месяцев назад

    Ameeeeeeeeen

  • @pikeltopikelto2613
    @pikeltopikelto2613 6 месяцев назад

  • @boninahom150
    @boninahom150 Год назад

    ❤❤❤❤❤❤

  • @Ana-p5p4o
    @Ana-p5p4o 5 месяцев назад

    ❤❤❤❤❤❤